Yeroo dheeraaf Guyyaan Gootota Oromoo biyya Netherlands keessatti akka sadarkaa dhaabaatti qophaa’ee kabajamaa ture. Garuu haalli kabajaa GGO bara kanaa haala baroota darban keessatti kabajamaa turerraa bifa adda ta’een kabajame. Kunis Jaarmiyaan Hawaasa Oromoo Netherlands (HON) GGO kana akka ayyaana biyyoolessaa Oromootti fudhatuun koree ayyaana kana qindeessitu itti ramaduun qopheessuu danda’uu isaati.

Jaarmiyaan Hawaasa Oromoo Netherlands qophiilee bara kana keessa akka sadarkaa hawaasaatti qophaa’an yeroo karoora isaa keessatti lafa kaawwatu, gaaffiin miseensota HON keessaa Guyyaan Gootota Oromoo maaliif sagantaalee akka sadarkaa hawaasaatti qophaa’an kana keessatti hammatamee hin qophaa’uu? Jedhu ka’e. Koreen hojii raawwachiiftuu HON erga dhimma kana irratti marii’attee booda, goototni Oromoo erga gaafa Oromoo fi biyyi isaa Oromiyaan waanjoo gabrummaa jalattti kufee kaasee qabsoo fi falmaa bifa garaagaraan godhamu irratti wareegaman hunduu gootota Oromoo maraa waan ta’aaniif, gootota kana ammoo yaadachuu fi kabajuun dirqama hunda keenyaa ta’a jechuun GGO akka sadarkaa hawaasaatti kabajuuf murteessite.
Haaluma kanaan Ebla 18, 2015 kabajaa GGO cinatti dabalee mariin dhimma mirga namoomaa irratti; keessumattuu haala yeroo ammaa moootummaa wayyaaneen cabinsaa fi dhiittaa mirga namoomaa ummata Oromoorratti raawwachaa jiru ilaalchisee marii bal’aan akka adeemsifamus murtaa’e. Dhimma kanarratti dhaabbanni idil addunyaa UNPO jedhamu, kan saboota akka Oomoo biyyi isaanii irraa fudhatamee hawaasa addunyaa kana keessatti sagalee hin qabneef (Unrepresented Nations and Peoples) falmu akka irratti argamaniifis affeeramani.
Sagantaan bifa kanaan qindaa’e kutaa lamatti hiramuun (GGO fi Mirga Namoomaa) tartiiba armaan gadii hordofuun wal duraa duubaan itti fufe. Jalqabarratti dura taa’aan Hawaasa Oromoo biyya Netherlands obbo Maatiwoos Booboo simannaa anaa dhufuu erga keessummootaaf godhanii booda akkuma aadaa Oromootti eebba manguddoota Oromoon sagantaan eegalame. Itti aansuunis yaadannoon gootota Oromoo kufaniif godhamuu fi dungoo qabsiisuun raawwate. Faaruu, walaloo fi geerarsii gootota Oromoo faarsu, weeddisu wal duraa duubaan dargaggoota Oromoon itti fufe. Keessumattuu weelistuu Oromoo beekamtuu Hangaatuu Baalcha walaloo fi faaruun sagaleeshee kilolee sanaan dhiyeessite hirmaattota walgahichaa akkan onnachiisuu danda’eera. Itti fufuunis keessummaan kabajaa GGO kanarratti affeeraman Obbo Mulgeetaa Moosisaa, miseensi koree hojii raawwachiiftuu ABO fi miseensa Hawaasa Oromoo Netherlands kan ta’an haasaa onnee Oromoota hundaa tuqe taasisani. Obbo Mulgeetaan haasaa isaanii keessatti: goota jechuun eenyu? Gootni tokko saba isaaf maalii? Goota ofii kabajuun hoo maaliif barbaachisee? Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 15 kabajamuu maaliif akka murtaa’ee fi barbaachiise? fi walumaagalatti haala qabsoon Oromoo itti eegaltee fi har’a keessa jirtu, aarsaalee qabsoo kanaaf baafaman bal’inaan ibsani.
Hirmaattotni wal gahii kanaa (Hawaasni Oromoo Netherlands) erga bifa mariin GGO ilaalchisuun yaada wal jijjiiranii booda sagantaan kutaa tokkoffaa xumuramee yeroon laaqanaaf kenname.
Itti aansuun qabiyyee kutaa lammaffaa sagantaa kanaa kan ta’e mariin haala qabinsa mirga namoomaa ummata Oromoo Impaayera Xoophiyaa jedhamtu sana keessatti har’a mul’atu maal akka fakkaatu bal’inaan ibsii fi mariin godhame. Jalqabarratti bakka bu’aan UNPO dhaabbanni isaanii kun maal maalirratti akka dalagan, keessumattuu ammoo democracy kijibaa mootumman wayyaanee addunyaatti lallabdu fashaleessuu fi hawaasni addunyaa akka hubatu gochuurratti dalagaa jabaa hojjechaa akka turanii fi ammallee jabinaan akka itti fufan, cabinsa mirga namoomaa ilmaan Oromoo irratti mootummaa Xoophiyaan raawwatamu ilaalchisees ibsoota hedduu baasaa akka turanillee bal’inaan ibsan. Walumaagalatti mirga jechuun maal akka ta’e ibsuu irraa kaasanii dhimmoota mirgatti hidhatan hunda tuqanii Hawaasa Oromoo hubachiisaniiru. Gaaffii miseensota Hawaasa Oromoorraa isaaniif dhiyaateefis deebii gahaa kennaniiru.
Dhimmuma mirga namoomaan wal qabsiisee dargaggoon Oromoo Gizachoo Eebbisaa jedhamu dhimma saaminsa lafa Oromoo (Oromia’s land grab) ilaalchisee qorannoo ofii isaa Oromiyaa keessa deemee, keessumattuu naannoo magaalaa Finfinneetti godhee ture ragaalee fi data qabatamaan bifa deeggarameen kan inni walgahicharratti dhiyeesse sagantichaaf mii dhagina kennuutti dabalee qalbii hirmaattota hundaa harkisuu danda’eera.
Itti fufuunis cabinsa mirga namoomaa Ummata Oromoo irratti raawwatamaa jiru ilaalchisee Obbo Daawwee Ibraahimis gama isaaniin ibsa bal’aa kennaniiru.
Dargaggootni Oromoo biyya Netherlands keessatti Jaarmiyaa Hawaasa Oromoo jalatti ijaaramanii jiran gama isaaniin sochii akkamii akka gochaa jiran Hawaasa Oromootti mul’isuuf uffata sportii (T-shirt) Oromiyaa jedhu kan kaartaa Oromiyaa ofirraa qabu uffachuun waltajjii irratti bahuun sagantichaaf miidhagina addaa dabalani. Dargaggootni kun garee kubbaa miillaa Oromiyaa jedhu hundeeffachuu isaanii ibsuun maatiin hunduu ijoollotni isaanii ijoollota Oromoo kanneen biroo waliin walitti dhufanii waliin taphachuun afaan, aadaa fi eenyummaa ofii walirraa barachuu akka danda’aniif akka gara garee kanatti fiddan jechuun waamicha isaanii dabarfataniiru.
Dhumarrattis dura taa’aan HON akkuma baga nagaan dhuftan jedhanii keessummota sagantaa kanaaf dhufan simatan, obsaan guyyaa guutuu taa’anii sagantaa kana waan hirmaatanii fi milkaa’ina sagantaa kanaafis gumaacha godhaniif erga galateeffatanii booda wal gahiin xumurame.
Gadaan Gadaa bilisummaati!
Injifannoo Ummata Oromoof!
Ebla 19, 2015
The Netherlands