Quantcast
Channel: Gadaa.com-FinfinneTribune
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1073

Guyyaan Gootota Oromoo Hawaasa Oromoo Ariizoonatiin Sirnan Yaadatame

$
0
0

Guyyaan Yaadannoo Gootota Oromoo Ebla 19 Bara 2015, Sagnattaa Jarmiyaan Hawaasa Oromoo Ariizonna (JHOA) qopheese irrati jaallan QBOf kufan yaadaatame. Guyyaa kana waamichaa JHOA Oromoota Ariizonnaa keessa jiraataniin hundaaf godhameen bakka Ummanni edduminnan argameeti magaalaa “Phoenix” keessati sirna eebban banamee; sirna addaan geeggeffaamaa oolee; haala mirqaansaan xumurame.

Walgahiin eebba manguddoon erga eegalamee booda miseensootin JHO guyyaa gootota maalif akka kabajamu, Ebli 15 attamiti guyyaa gootota jedhamee akka labsame, warreegama qaqqali kafalame, kayyoo warreegamni itti kafalamee fi kafalama jiruu, akkasumas jecha Maammo Mazamiir “Qabsahaan Kufus Qabsoon Ittii Fufa” jedhun ibsii gabaaba kenname.
Qaama JHO kan ta’ee Walddan Dargagoota Oromoo Ariizonna, yeroo ijaaramani jalqabanii haga ammatti bu’aa gurguddo argamsiisan cuunfani hawaasaf ibsani; hawaasni Oromoo akka isan bira dhabbatus dhamsaa isaani dabarsan.

Itti aansuudhan sagantta bashaanana fi nyaata foon waaddi JHOA qopheesen Uummatin maatii isaa walin yeroo gaari dabarsani jiru. Bifa kanaan, haala bashanana keessati gootota keenya yaadataa sagantaan akka gaariti gegeefama oolee injifatnon xumuraamu irra darbee tarkanfii booriifis waliti-dhufeenyaa Hawwaasa Oromoo Ariizonaatif karaa kan saaqe ture.

Gadaa.com

Gadaa.com

– JHOA


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1073

Trending Articles