Quantcast
Channel: Gadaa.com-FinfinneTribune
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1073

Sabboontoti Oromoo Biyya ‘New Zealand’ Jiraatan Gaara Dheeraa Miillaan Qaxxaari’uun Ebla 15 Guyyaa Gootota Oromoo Kabajatan

$
0
0

Gaafa Ebla 18,2015 Sabboontoti Oromoo biyya ‘New Zealand’ magaalaa Willington jiraatan walitti dhufuun yaadatnoo Guyyaa Gootota Oromoo taasisuuf jecha, aarsaa gootonni Oromoo baasan gatii qaalii kafalchiisuu hubatanii gaarreen biyya sanii guyyaa guutuu miillaan qaxxaamuran.

Jaallan qabsoof wareega kafalani bara lubbuun jiranitti gaaraa fi hallayyaa qaxxaamuruun beelaa fi dheebuun hagabuun aarsaa jabaa kafalaa hamman akka qabsaawan yaadachuuf jecha, magaalaa karaa sa’aa dheeraa deemuun gaara dadhabsiisaa ta’e miillaan qaxxamuruun Jaallan hammam daddabbii qabsoo Oromoof kafalaa akka turan ittiin yaadataa oolan.

Keessattuu shamarran Oromoo dadhabbii fi nuffaa tokko malee fakkii uccuu WBO dhufachuun waraana bilisummaa Oromoo fakkaatanii alabaa Oromoo baadhachuun gaarreenii fi hallayyaa qaxxamuranii yaadatnoo godhan keessatti, uummata jiraataa naannichaa qalbii harkisuun eenyummaa Oromoo fi wareega gootonni baasaniifii barsiisaa oolanii jiru.

I.U.Of!

Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com

Gadaa.com


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1073

Trending Articles