Quantcast
Channel: Gadaa.com-FinfinneTribune
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1073

Ayyaanni Yaadannoo Guyyaa Gootota Oromoo Melbourne/Australia Keessatti Sirna Ho’aan Kabajame

$
0
0

“Rakkina Qabsoo keessaa qabsoon irra aanna”

“Rakkina qabsoo keessaa qabsoon irra aanna,” jechuun J/ Bultum Biyyoo KHR fi I/A/HD ABO hubachiisan. J/ Bultum kana kan hubachiisan ilmaan Oromoo Oromiyaa bittaa halagaa irraa ittisuu fi eega bittaa kana jalattis kufamee boodas warreen warregama kaffaalan gootowwan ilmaan Oromoo mara yeroo itti yaadatamu ture. Ebla 15, guyyaa yaadannoo gootowwan Oromoo yaadachuuf Melbourne, Australia Ebla 12, 2015 bakka hooggantonni ABO, qondaaltonnii fi miseensotni ABO, akkasumas Hawaasti Oromoo hedduminaan irratti argamanitti sirna ho’aan kabajamee ooleera.

Gadaa.com

Wareegama yeroo jennu kaan lubbuu isaa bakka bu’aa hin qabne dirree qabsootti, mana hidhaatti, lafa baqaatti, kaanis qabeenya isaa fi maatii isaa dabalee wareegaa as ga’e hundaati jechuun J/ Bultum ibsuun kun hundi mirga ilmaan Oromoo kabachiisuu fi Oromiyaa walaba adunyaa keessatti beekamtu gadi dhaabuuf wareega kaffalamaa as ga’edha jedhaniiru.

Wareegamni kun kanneen jalaa ol dhufaniif waa hambisuuf akka taate ni hubatama. Yeroo ammaa sochii dargaggoonni Oromoo bobaa diinaa jala taa’anii gochaa jiran yaadachuun yeroo ammaa qabsoo waldhaalsisuutu ifatti muldhata. Biyya alaa kanatti ammoo qabsoo mitii aadaa ofiituu waldhaalsisuun ulfaataa ta’ee muldhata. Kanaaf uummanni keenya dararaa diinaa jalaa of baraaruuf jecha biyya adda addaa keessatti faca’anii jiran qabsoo bifa hundaa gaggeessuuti irraa eeggama jedhaniiru.

Gadaa.com

J/ Bultum itti fufuun bara darbe kana sochii WBOn goleelee Oromiyaa bakkoota hedduutti lukkeelee fi qubsuma diinaa irratti fudhachaa ture fi jiru, sochii dargaggoonni Oromoo, Qeerroon biyya keessaa gaggeessaa turee fi itti jiru biyya keessaa qabsoo Oromoo kan daran jabeessee fi wareegama gootowwanii ol kaase ta’uun ni hubatama. Kun akeekni xurree qabsoo ABOn bu’uureffamee fi itti jiru uummata Oromoo biratti fudhatama argatee wareegamni inni mirga isaa kabajiifachuuf kafalaa jiru sirrii akka ta’e mirkaneessa. Kanaafuu “Rakkina Qabsoo keessaa qabsoon irra aanna” waan ta’eef bittaa halagaa jalaa baanee bakka yaadne sana ga’uuf wareegama bifa hundaan barbaachisu kafaluuf Oromoon marti qabsoo of qopheessuu qaba jedhaniiru.

Yaadannoon Guyyaa gootota Oromoo gootowwan hoogganoota ABO ta’an osoo imala qabsoof gara Somaaleetti bobba’aa jirani shiftoota harcaatuu waraana Somaalee harkatti kufuun bakka “Shinnigaa” jedhamutti wareegamuu irraa eegalee akka yaadatamu ABOn murteessee dirree qabsootti kabajamaa turuu isaa fi har’a gootowwan qabsoo irratti ijaarsa ABO duras ta’ee hanga guyyaa har’aatti wareegamaa jiran ittiin yaadachuuf uummanni Oromoo marti biyya keessaa fi alaa, dirree falamaa WBO biratti osoo hin hafin kabajamaa jiraachuu isaa kan ibsan ammoo J/ Gaashuu Lameessaa MGS fi Birkii Beeksisii fi Odeessii ABO biyya alaati. Hoogganoonni kun amantiin, naannoon, gandaan, dandeettii fi beekumsaan osoo wal hin qoodin irbaata ibidda shiftoota kanaa ta’uun boolla tokkotti yeroo owwaalaman tokkummaan Oromoo mirkaneessuun qabsoo nu dhaalchisanii darbuu mirkaneessa jedhaniiru. Egasiis wareegamni ilmaan Oromoo hin dhaabbanne, diinni nuuf rafee hin bulle, “Sibiilaan sibiila…” akkuma jedhan har’a diinni nu qabee jiru Oromootuma Oromoo irratti bobbaasee keessaa fi alaan wal ficisiisaa waan jiruuf Oromoon dammaqee gara mirga isaa tikifatuutti deebi’uu qaba jedhaniiru. Dabalees ABO dhiibbaa keessaa fi alaa kana hunda danda’ee qabsoo hidhannoo, siyaasaa fi diplomaasii bifa hundaan diina irratti gageessuu itti fufee waan jiruuf uummanni Oromoo miseensota ABO qofaa irratti ilaaluu osoo hin taane akkuma kanaan duraa amma illee qabsoon kun kooti jedhee daran jabaatee cina dhaabbachuu qaba jedhaniiru.

Gadaa.com

Akkum aadeffatame eebba maanguddoon kan eegale sagantaan guyyaa kanaa dungoo yaadannoo wareegamtootaaf qabsiisuun faaruun alaabaa Oromoo itti fufe. Darbees Dura taa’aan ABO Konyaa Victoria J/ Abdataa Hoomaa keessummoota kabaja guyyaa kanaa irratti aragamaniin baga nagaan dhuftan jechuun haasaa gabaabaa godhanii jiruu.

Gadaa.com

Gadaa.com

Kana malees miseensaa fi Hawaasa keessaa namoonni muuyxannoo fi yaadannoo jireenya isaanii keessatti dabarsan yeroo ibsan, qooda dubartoonni keenya qabsoo keessatti qaban bakka guddaa qaba kan jedhan Obbo Mohamed Harunidha. Yeroo ammaa Tokkummaa! Tokkummaa! jechuun faarfamu yoo tokkummaan kaayyoo hin jiraanne faaruu ta’ee hafa, kaleessa Ethiopia dimokiratessuuf goonni Oromoo hin wareegamne, wareegamni ilmaan Oromoo diina Oromiyaatti dhufee lafa isaa, qabeenya isaa, humna isaa fi dandeettii isaa saamuuf itti bobba’e of irraa kaasee bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa walaboomte sirna dimokiraasii gadaan bultu gadi dhaabuuf kan jedhan Obbo Mohamed Haruni kun ammoo afaan qawwee malee hin argamtu jedhanii seenaa gootowwan wareegamanii yaadachiisaniiru.

Gadaa.com

Itti aansuun yaada isaanii kan ibsatan J/ Foozii H/ Bushura H/ Adam yeroo ta’an maqaa Jaallewwan Oromummaa isaaniif jecha harka diinaatti lubbuun isaanii dabarte, rasaasaan alatti kan diinni osoo lubbuun jiruu biyye itti garagalchan, mana hidhaa fi toorcheraan hiraarsee ajjeese yaadatanii kana of irraa hambisuuf Oromoon qabsoo isaatti jabaachuu qaba, namuu bifa danda’ameen akka bira dhaabbatu gaafataniiru.

Karaa biraa kaayyoo kaleessa gootowwan keenya itti wareegaman bakkaan ga’uu dhabuun keenya dararaan Oromoo har’aa akka itti fuftu godheera kan jedhan Obbo Abdulfattaa Awwadaay turani. Itti fufuunis Tigreen lafa Tigray irraa fiddee hiraafii waan jirtu fakkeenya har’a ilmaan Oromoo tokko tokko “kaleessa diina baqannee biyyaa baane” jedhan osoo dhiigni ilmaan Oromoo mirga Oromootaa kabachiisuuf dhangala’e hin qoorin biyyatti deebi’uun lafa abbaa isaanii diinaa wajjin qircachaa jiran arguun baay’ee nama gaddisiisa jechuun haala jireenya gadadoo uummata keenya biyya keessaa yeroo ammaa fi Oromoota biyya alaa irraa galanii diina cina bu’uun saba Oromoo saamaa jiranii gaddaan yaadataniiru.

Gadaa.com

Bilisummaan dhalanne, bilisummaa diinaan sarbamne sana xurree Gootowwan Oromoo qabsoo irratti wareegaman kaleessa faana buunee deebisnee gonfachuuf qabsoo irraa boodatti hin deebinu jechuun kan ibsan ammoo Aadde Sa’adaa Aammee dura teessuu waldaa dubartoota “Kaayyoo” ti.

Ayyaana yaadannoo guyyaa Goototaa Oromoo magaalaa Melbourne, Australiatti kabajame kana irratti dura teessonni hawaasa Oromoo Obbo Yaadataa sabaa /Jaatam/ fi Obbo Warqinaa Dhiinsaa wal duraa duubaan haasaa godhan keessatti dirqamaa fi ga’ee hawaasa Oromoo biyya alaa ibsuun hanga qabsoon Oromoo gootowwan keenya itti wareegaman bakka ga’utti boodatti hin deebinu jedhaniiru.

Gadaa.com
Gadaa.com

Kanaafuu garaagarummaa diinni nu keessatti uume kana irra aanuun, tattaaffii sochii diinaa yeroo ammaa maqaa “dhimma diaspora jedhuun” nufacaasuuf deeman kana illee dammaqnee of irraa ittisuuf tokkummaa keenya jabeeffannee afaan tokkoon diin dura akka waliin dhaabbannu waadaa keenya haaressina jedhaniiru.

Sagantaalee kana giddu gidduutti seenaa gootowwanii faarsuun haala qabsoo Oromoo fi jireenya hawaasa keenya biyya alaa kana irratti kan xiyyeeffate walalooleen adda addaa dhiyaatuun uummata ayyaana kana irratti argame bohaarsaa oolaniiru.

Xumura irrattis gumaacha deggersa QBO fi WBO arjoomuun, caalbaasiileen adda adda dhiyaatee tin’isa qabsoof akka oolu ta’eera. VCDn WBO dhiheenya gabaa irra oole caalbaasiif dhihaatee maallaqa gudda kan argamsiise yeroo ta’u gurgurtaaleen adda addaa dhiyaatanii tumsa QBO akka oolu ta’eera.

Injifannoo Uummata Oromoof!
Gadaan Gadaa Bilisummaati!

Koree ABO Konyaa Victoria, Australia

Gadaa.com

Gadaa.com


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1073

Trending Articles