Seenaa gootummaa keessaniitiin nu boonsitani, nutis baraa bara isin saadnas!
Seenaa gootota ilmaan Oromoo saba isaaniif jecha jiruu, jiraanyaaa fi lubbuu isaanii bakka buii hin qabne darbarsaanii warra uummata isaaniif gumaachanii darbani baraa hamma baraatti, jaarraa hamma jaarraatti, dhalootaaa hamma dhalotatti kabajaa fi jaalala isaaniif qabnu ibsuu fi seenaa isaaniis dhaloota dhufuu fi seenaa dhufuufi darbasuuf jedha kuusaa fi galma seenaaa gootota Oromoo kan tae Seenaa.com banamee hojii irra oolee jira. Seenaa.com ilmaan gootota ilmaan Oromoo ulfinaa fi jabaja saba isaanii Oromoo fi biyya isaaanii Oromiyaa jecha wareegaman qofa kan kuusaa jiru dha; gara fuula duraattis kanuma itti fufa. Seenaa.com yeroo amma haala bareedaa taeen qophaaee, dirree fi suduuda adda adaa kan akka Facebook.com, Twitter.com fi Googleplus.com hidhamee daawwatootaa fi dubbistoota kumaatamaan dubbifamaa jira. Ummatni Oromoo biyya keessa fi alaa jiru jaalala gootota isaaniitiif qaban haala nama gammachiisuun karaa Facebook fi dhaamsa adda addaa nuuf erganii nuuf ibsanaa jiru. Galatni, Kabajinii fi jaalalli nuti uumma keenyaaf qabnu hedduu guddaadha.
Seenaa.com seenaa gootota Oromoo burqa adda addaa irraa kan walitti qabnee kuusaa jirru yoo tau, seenaa afaanuma barreeffamee argameen kuusna. Gara fuula duraatti Afaan Ingliffaa fi Afaan Oromoon kuusuuf kaayyeefate jira. Seenaa ijoolleen keenya yeroo yeroodhaan ajjeefamani fi bakka buan dhabaman galma seenaa goototaa kana keessa kuusnee kauun fedhii fi kaayyoo keenya waan taeef seenaa gootota kanaa akka nuuf ergitani hiroota isaanii, maatii isaanii fi namoota jara kana beekan hundaa kabajaan gaafatina.
Seenaa.com guutumaa guututti kan ijaaramee hojechaa jiru maatii Oromoo tokkoon yoo tau guutumaa gutuun buaa fi sadoo (not-for-profit) malee kan ijaaramee, kan akkuma kanaan itti fufu ta’a.
Galami seenaa gootota keenyaa kuni galma guddaa, galma kabajamaa fi dhimma uummata Oromoo hundaa kan ilaallatu akka tae ni amanna. Kanaafuu dhaabni Oromoo tokko kan galama kana akkan maatiin kun itti ijaaru fi itti qabu caalaatti kan ijaaruu fi qabu yoo jiraate dabarsinee kanuufii fedhii keenya tauu isaa ibsina. Maatiin keenya galma seenaa gootota Oromoo kana Guyyaa Gootota Oromoo ilaalchisee kennaa godhee dhiheessuun guyyaa kabajamaa fi jaallatamaa kana kabaja.
Kaayyoon goototni keenya kufaniifis garaatti hin hafu; goota jiruu fi dhalatutu kaasee galiin ga’a!
Maatii Warra Abbaa Gadaa irraa!