Quantcast
Channel: Gadaa.com-FinfinneTribune
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1073

Guyyaan Gootota Oromoo Ebla 11, 2015 Firaankifart/Jarmaan Keessatti Kabajamee

$
0
0

Gadaa.com

Baatiin Ebla qabsa’otaafi Sabontootaa Oromoo akkasumaas hawasaa Oromoo maraa biratti baatti addaa tahee yadatamee oolaa, kunis Gootota Oromoo gabrummaa sabaa Orommo arguu fi ilaluu dadhabuun qabsoo keessatti waareegamaanif, kanneen mana hidhaa fi iddo adda addaatti qabsoo dhugaa fi haqaa qabataani injifannoowwaan heeddu galmeessun waareegamaa, kafaalanii fi qabsoo fincilaa baratooni fi beektooni Oromoo akkasumaas hawasni Oromoo gageessaa jiruu keessatti waareegamaa kafalani ittin yaaddanuu fi waadda Qabsoo Bilisumma Uummataa Oromoo fi qabnuu guyyaa itti haroomfannu dha. Kanaafuu misensonni fi deggartooni qabsoo bilisumma Oromoo akkasumas hawasni Jarmaanni, Firankifartii fi naannoo ishii jirataan Ebla 11/2015 galmaa Goethe University keessatti waal gahuun guyyaa kabajamaa fi seenna qabeessaa kana waalin kabajaa olaniruu. Guyyaa kana yeroo kabajnuu akka aadaa fi duudhaa keenyatti dursaa eebba mangudoottin kan egalamee yeroo tahuu, itti ansuun faaruu alaabaa fi jaaleewwaan qabsoo bilisummaa Oromoo ABO keessatti waareegamaan daaqiqaa muraasaafi sirnaa yaadaanno taasifaamee jira . Itti ansuun hirmaatotaaf Eblii 15 maalifi akka kabajamuu, yoom akka egalee, akkamtti akka egalee, enyuun akka egalee, yeroo amma kana haala malirraa akka jiruu, babal’achuu qabsoo fi kabajaa Guyyaa Gootota kana bal’inaan irratti maarif ibsi gahaa tahee taasifamee jira.

Gadaa.com

Gadaa.com

Qabsoon Bilisumma Uummaata Oromoo fininnee Kaayyoo Ganaamaa lafaa kayyattee galmaan akka gahatuuf miseensi fi deeggaartoon ABO mooraa qabsoo bilisumma Oromoo utubuu fi cinaa dhabachuun ijoo isaa duraa akka tahee hubannoo irra gahamee jira. Kanafuu gamaa dinagdee fi siyaasaan akkasumaas kalatti barbaachisuu hundaan WBO cinaa dhabachuun qabsoo keenyaa jaabbeessun diraqamaa lammumaati!

Gadaa.com

Dhimma Guyyaa Ayyaana Gootota kana ilalichisee deeggartoonii fi miseensooni akkasumaas adeemsaa qabsoo bilisumma Oromooti jaaleewwan amanaan deegarsaa malaqaa gochuundhaan jalalaa fi kabajaa qabsoo kanaaf qaban ibsaatani, garaa fuldurattis gamaa barbaachisaa taheen qabsoo bilisuumma Oromoo kana cinaa dhabachuuf sagaalee tokkoon waadaa seenaniruu.

Oromiyaan ni bilisoomtii; injifaannoon Uummaata Oromoof!

Gadaa.com

Viewing all articles
Browse latest Browse all 1073

Trending Articles