Quantcast
Channel: Gadaa.com-FinfinneTribune
Viewing all articles
Browse latest Browse all 1073

Fiilmii Afaan Oromoo Haaraa “QURXAMA”

$
0
0

Tujubee Kuusaa | VOA


OromoMovieQurxama2014

WASHINGTON DC – Fiilmiin Afaan Oromoo haaraan kan mata dureen isaa “Qurxama” jedhu dhiyeenya kana eebbisamee jira. Fiilmiin kun seenaa jaalalaa irratti kan hundaa’e si’a ta’u ergaan isaa garuu jaalalli walii yaaduu wal tumsuu fi wal gargaaruu akka ta’e ibsaa jedha directorri fiilmichaa fi fiilmii kana keessattis taatoo ta’uun kan hirmaate dargaggoo Geetaachoo Nigusee Gobbuu.

Dargaggoo Geetaachoon fiilmiin Afaan Oromoo yeroo yerootti ba’uu isaanii qofa utuu hin taane uummataaf ennaa dhiyaatan danqaa isaan mudatu illee ibsee jira. Kanneen fiilmii barreessan hedduun hanqina maallaqaa fi sponora dhabuun fiilmiiwwan Afaan uummataaf utuu hin mul’atin hafu ykn immoo bakka akeekameef utuu hin ga’in hafu jedha Geetaachoon.

- VOA


Viewing all articles
Browse latest Browse all 1073

Trending Articles